Fana: At a Speed of Life!

Bilbiloonni Kontroobaandiin galan kuma tokko ol to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti bilbiloonni qaraxa seeraa qabeessaa osoo hinraawwatin biyya keessa galan kuma 1 fi 812 Markaatootti to’atamuun ibsame.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee eeruu hawaasarraa qaqqabeen har’a ganama Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 8 bakka Adda ’Giddugalaa gabaa Finfinnee’ jedhamuutti konkoalaataarraa utuu buufamaa jiru to’atamuu danda’eera.

Yakkichaa irratti kan hirmaate shakkamaan tokko to’annoo jala oolfamuunis qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.