Bilbillii appilikeeshinii daqiiqa 3 keessatti ijaa ilaaluun vaayrasii koroonaa qoratu hojjetame
Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC)- Dhaabbanni Jarmaan bilbilaa appilikeeshinii daqiiqa 3 keessatti ijaa ilaalee suuraa kaasuun (iskaan) gochuun vaayrasii koroonaa qoratuu hojjechuu beeksise.
Appilikeeshiin daqiiqa 3 keessaatti qorannoo vaayrasii koroonaa adda baasaa jedhamee kun %95 bu’aa qabeessadha jedhameera.
Appilikeeshiniichi bilbilaa sochootu ammaya’aa (bilbila ismaartii) irratti fayyadamuuni vaayrasicha akka adda baasuu kan himameera.
Hanga ammattis namoota kuma 70 irratti yaaliin taasifamuu dhaga’ameera.
Appilikeeshinicha dhaabbileen daldalaaf oolchaniif baatiitti doolaraa Ameerikaa 570 kaffaluun irra eegama jedhameera.
Maddi:-Rooyiteers
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.