Fana: At a Speed of Life!

Bilbilaan burjaajessitootaarraa hawaasni akka of eeggatu hubachiifame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2015 (FBC)– Bilbila bilbiluun tooftaa burjaajessaa garaagaraa fayyadamuun namoonni yakka raawwatan jiraachuu hubachuun hawaasni of eeggannoo akka taasisu Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiise.

Magaalaa Finfinneetti yeroo garaagaraa bilbilaa bilbiluudhaan “Baga gammaddaan! Lootoriin isiniif bahe, Siistama sirreessaa jirra, dandeetti moobaayilaa keessan 4G irraa gara 5G’tti jijjiiraa jirra, baankota biroo waliin tajaajila oonlaayinii eegalaa jirra” jechuun tooftaa burjaajessaa kanaan namootarratti yakki rawwaatamaa jiraachuu beeksiseera.

Poolisiin galmeewwan qorannoo wabeeffachuun akka beeksisetti, guyyaa ATM’n maallaqa baafatan himuun tooftaa burjaajii isaanii akka amanamu taasisuun namoonni yakkichaaf saaxilamaa jiraachuu eereera.

Burjaajessitoonni kunneen akkaataa ittiin lakkoofsa iccitii baankotaa baasan mirkaneessuuf qorannoon cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Yakkichi tooftaalee garaagaraan raawwatamaa jiraachuu bira darbee bilbilaa nama harkaa butuun tooftaalee teeknikaa fayyadamuun lakkoofsaa herregaa baankii irraa gara Teelee Birriitti dabarsuun yakkicha raawwatamaa jiraachuus ibsameera.

Yakkicha ittisuuf hawaasni of eeggannoo barbaachisaa akka taasisu, gama Ityoo Teelekoomiin ergaawwan of eeggannoo dabarfamanis, yakkichi ammallee raawwatama akka jiruu fi namoonni dhuunfaa ergaawwan yookaan bilbilli wayita bilbilamuuf addaa baafachuu akka qaban, gara tarkaanfiitti seenuun dura baankii isaanitti dhiyoorraa haqummaa isaa mirkaneeffachuu akka qaban poolisiin magaalattii dhaameera.

Poolisiin yakkoota akkanaa to’achuuf hojiilee hojjetu cinaattis, dhimmoonni shakkisiisoon wayita mudatuun qaamolee nageenyaaf eeruu kennuun hawaasni tumsa akka taasisu waamicha dhiyeessuu ragaan poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.