Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Qonnaa Oromiyaa Konkolaattota 50fi Motoroota 97 Godinaalee, Aanaaleefi Yuuniyeenotaaf deegarsaan kenne

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) –Biiroon Qonnaa Oromiyaa Konkolaattota 50fi Motoroota 97 Godinaalee, Aanaaleefi Yuuniyeenotaaf deegarsaan dabarseera.

Guyyaa har’as Biiroon Qonnaa Oromiyaa Godinaalee 18 fi Aanaalee 24 konkolaataan kan gumaache yoo ta’u, Aanaalee 97 Doqdoqqee ,Yuuniyeenoota 18 ammoo Konkolaataa 18 sagantaa kennameera.

Hojii Qonnaa milkeessuuf yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Deeggsrsi guyyaa har’aa taasifames misooma naannichaa galmaan gahuuf gahee olaanaa qabaachuu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa oomishaaf oomishtummaa dabaluun jiruuf jireenya ummataa jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti qindeessaan Kilaastara misooma Baadiyyaa Oromiyaa
Obbo Abdurahmaan Abdallaa dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.