Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa hawaasa Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Bulchiinsa Magaalota garaagaraa waliin ta’uun hawaasa Godina Booranaa hongeenm Midhaaniif deeddarsa nyaata Namaa fi Beeyladaa Birrii Miliyoona 3 .5 tilmaamamu laateera.

Deeggarsichi qindeessummaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaatiin Magaalota Adaamaa, Bishooftuu, Burraayyuu, Sulultaa, Galaan, Laga Xaafoo Laga Daadhii fi Sabbataa irraa walitti kan qabamedha ta’uu eerameera.

Hogganaan Biiroo Misooma Magalaa Manneenii Oromiyaa Aabba Guyyoo Galgalootu Itti Aanaa Bulchaa Godina Booranaa Aabba Abdusalam Waariyootti laataniiru.

Deeggarsa qaamoolee garaagaraa dhufu hawaasa bira qaqqabaa jiraachuu itti Gaafatamaan Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Godina Booranaa Aabba Guyyoo Carfii ibsaniiru.

Deeggarsa Biiroo Misoma Magaalaa Manneenii Oromiyaa Magalota Oromiyaa isaan jala jiran hirmaachisuun deeggarusaaniif galateeffatan.

Rakkoo hongee Godinalee Boorana , Baalee fi Gujii fi iddoowwaa garaagaraatti hawaasa miidhaa jiran hambisuuf mootummaan deeggarsa taasiisaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Misoomaa Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Aabba Guyyoo Galgaloo eeraniiru.

Deeggarsichi hanga hawaasni rakkina kana keessaa ba’utti kan itti fufu ta’uus dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.