Biiroon Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Oromiyaa hojii tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 3’tti jalqabsiise
Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Biiroon Barnoota, Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa Oromiyaa tajaajila Lammummaa lammiilee harka qalleeyyiif mana ijaaruu fi hojii biroo eegalchiiseera.
Biirchi mana ijaaruu qofa osoo hin taane lammiilee ogummaa addaa addaan leenjisuun hojii mataa isaanii akka hojjetaniif deeggersa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibseera.
Hojjettoonni biirichaa guyyaa har’aa bulchiinsa magaalaa Sulultaatti argamuun mana haadha hiyyeessaa tokko ijaaraniiru.
Biiroon Barnoota, Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa Oromiyaa,lammiilee harka qalleeyyiif mana ijaaruu qofaa osoo hin taane jireenya isaanii egeree waan ittiin fooyyeffatan leenjii Ogummaa garaagaraa laachuun gara hojiitti akka galan ni taasisa jedhame.
Ogummaa aadaa uummaticha keessa jiru kan akka uffata dhahuu,Meeshaalee mana keessaa hojjechuu fi kannen biroo irratti dubartootaaf leenjii addaa kennuun hojjechaa jira.
Kana malees biirichi hojii kenna tajaajila lammummaatiin dameesaa hanga Aanaatti jiran waliin qindaa’uun Birrii biliyoona 3 manneen harka qalleeyyii 500 ol ijaaruuf karoorfatee hojiitti seeneera.
Kana malees kolleejjii BLTO Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti hojjettoonni Biiroo Leenjii Tekinikaafi Ogummaa Oromiyaa bilqiltuu dhaabaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.