Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan rakkoolee jiran hunda karaa qindaa’een sirreessuuf hojjetaa jira-Obbo Haayiluu

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) –Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa dhimma haala yeroorratti miidiyaaleef ibsa kennaa jiru.

Hogganaan Biiricha obbo Haayiluu Addunyaa  gamaaggama raawwii hojii paartii fi mootummaa kurmaana 3ffaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Obbo Haayiluu Addunyaa, ciminaa fi haqina rawwii hojii kana  keessatti mul’atan fi kallattii kaa’amera jedhan.

Gagaaggamaa raawwii hojii paartii fi mootummaa kurmaana 3ffaa Bitootessa 30, 2014 – Eebila 1, 2014 kana irratti akka ciminatti wantoonni ilaalaman hedduu kan jiran ta’uu obbo Haayiluu himaniiru.

Gagaaggama raawwii kana irratti karooraan hogganamuu, haalota rakkisoo dandamachuun hogganuu danda’uu, rakkoo nageenyaa hojii siyaasaa furuuf tattaaffiin taasifamaa jiru gaarii ta’uu fi kanneen biroo akka ciminaatti ka’aaniiru.

Gamaa biraatiin gamaaggama raawwii paartichaa irratti hanqinonni kanneen akka paartii mootummaa cimaa sadarkaa gandaatti ijaaruu dadhaabuu, rakkoo nageenyaa hojii siyaasaan furuuf sochiin taasifame gaarii ta’uus bakka hundatti qixa sirriin hojjittii hiikuu dadhaabuu, caasaa mootummaa dhimma hundaaf walqixa sochoosuu dhabuu, raawwii proojektiwwanii fi sassaabii galii harcaatii qabaachuu fi qabsoo gitaa gaggeessuu irratti laafinni jiraachuu himaniiru.

Kana malees baatiwwan sadii itti aanaan irratti qabxiiwwan ijoo torba baafachuun gara fuula duratti hawaasa himaachisuun sochii nageenya naannichaa eegisisuu irratti kan hojjetamu ta’uu obbo Haayiluun himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.