Fana: At a Speed of Life!

Biiroon garaagaraa du’aan Boqochuu Artiist Alii Birraan walqabatee ergaa gaddaa dabarsaniiru

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015 (FBC) – Biirooleen Naannoo Oromiyaa garaagaraa du’aan Boqochuu Artiist Alii Birraan walqabatee ergaa gaddaa dabarsaniiru.

Biiroon Barnootaa naannoo Oromiyaa Doktarri Kabajaa Artisti Alii Birraa sirbootaa isaa keessatti, Oromoon kan bilisoomu barnootaan qofa ta’uu dursee akeekkachiise kan ture ta’uu fi Oromoon barumsa erga jalqabee booda ammo muuziqaa isaa keessatti Afaan Oromoo A, B,  jennee akka barannu qajeelcha kennaa nama ture ta’uu ergaa gaddaa baaseen himeera.

Gama biroon Biiroon Qonnaa Oromiyaas hangafti Oromoo Alii Birraa boqochuu isaaniitti Hoggansaa fi Hojjettota Biiroo Qonnaa Oromiyaatti gaddi guddaan ibsuun Maatii, Firroottan hiriyootaa fi Uummata Oromoo hundaaf jajjabina hawweera.

Akkasumas Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa du’aan boqochuu ilma ummataa, Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraatti gaddi guddaan itti  dhagahamuu ibseera.

Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaas Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi walqixxummaa dhala namaa kan ta’e Doktarri Kabajaa  Artiist Alii Birraa du’aan boqochuu isaatti gaddi guddaan itti dhagahamuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.