Fana: At a Speed of Life!

Biiroon galiiwwanii magaalichaa filannoo dabalataa sirna kaffaltii gibiraa hojiirra oolchuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee filannoo dabalataa sirna kaffaltii gibiraa hojiirra oolchuu beeksise.

Hogganaan biirichaa obbo Mulugeetaa Tafarraan, yeroon kaffaltii gibiraa bara baajatichaa Adoolessa 1, 2014 irraa eegalee dameelee waajjirichaa hundatti ifatti eegaluu ibsaniiru.

Yeroon kaffaltii gibiraa kaffaltoota sadarkaa “C” Adoolessa 1-30, 2014 kan sadarkaa “B” Adoolessa 1-Qaammee 5,2014 fi kan sadarkaa “A” Adoolessa 1-Onkoloolessa 30, 2015 ta’uu yaadachiisaniiru.

Bara baajataa 2015tti galii Birrii biiliyoona 70 walitti qabuuf karoorfamuu ibsuun, Adoolessa 1,2014-Onkoloolessa 30,2015tti 42% karoorichaa milkeessuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Biirichatti hojiin qophiin duraa hojjetamuufi hojimaata kaffaltii garaagaraa hojiirra oolchuu ibsaniiru.

Ityoo-telekoom waliin waliigaltee waliif mallatteessuun kaffaltoonni gibiraa gama Teelee Birriin kaffaltii akka raawwatan akkasumas hojiimaanni ittiin gama Elektirooniksi Taaksiin kaffaluu danda’an diriiruu eeraniiru.

Gama kanaan hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.