Biiroon Fayyaa Oromiyaa Ayyaana Irreechaatti of eeggannoo Covid -19 taasiifamu ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’ate
Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa kabaja ayyaana Irreechaa sababeeffachuun of eeggannoo Covid-19 irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
Marii kanarratti abbootiin Gadaa, haadholiin Siiqqee, Foollee, Ministir Deettaan Ministira Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Hogganaa Biiroo Fayyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa fi qooda fudhattootni biroon argamaniiru.
Irreechi mul’iftuu tokkummaa uummata Oromooti; ayyaana waggaa waggaan kabajamu kanarratti namootni miiliyoonaan lakkaa’aman ni hirmaatu jedhan Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa.
Vaayrasiin Koronaa(COVID_19) yeroo ammaa amalasaa jijjiirrachuun saffisaan babal’achaa waan jirruf yeroo ayyaana kanarratti hirmaannu fi irreeffannu of eeggannoo barbaachisaa taasisuu qabna jedhan.
Ministir Deettaan Ministira Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, ayyaanni Irreechaa Oromoof mallattoo ifaa fi abdiiti jedhan.
Haala qabatamaa amma jiruun baay’inni namoota Covid -19’n qabamanii dabalaa waan jiruuf bara dhufu nagaan irreeffachuuf barana of eeggannoo taasisuu qabna jedhaniiru.
Hirmaattonni sagantaa kanaa haguuggii fuulaa fayyadamuu,tuttuqaarraa of qusachuu fi fageenya isaanii eeggachuu akka qaban dhaamaniiru.
Yoo rakkoon fayyaa mudate tajaajilli wal’aansa fayyaa kan kennamuu fi qorannoon covid -19 fi talaalliin kan kennamu ta’uun himameera.
Ayyaanni kun rakkoo tokko malee akka kabajamu qaamni hunduu tumsuu akka qaban dhaamuu OBN gabaaseera.
.Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.