Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa dubartootaa harka qalleeyyii 600 ta’aaniif deeggasa taasise

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti dubartootaa harka qalleeyyii 600 ta’aaniif deeggasa taasisuu ibsameera.

Biirichi deeggarsa Daakuu fi uffannaa garaagaraa taasisuu fi sagantaa Afxiraa qopheessuu ibsameera.

Biirichi hojii tajaajila lammummaan hawaasaa harka qalleeyyii bakka garaagaraa jiran deeggaraa jiraachuu fi  dubartoonni harka qalleeyyiin hojjetanii jiruu fi jireenya isaanii akka gaggeeffataniif dinagdeen utubuuf xiyyeeffannaan kan  hojjetu ta’uu hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Adaamaa obbo Bariisoo Doorii gamasaaniin deeggarsa biirichi  taasiseef galateeffachuun, aadaan harka qalleeyyii deeggaruu cimee itti fufu akka qabu dhaamaniiru.

Dubartoonni deeggarsi taasifameef deeggarsichatti gammaduu fi  gara fuula duraatti waldaan gurmaa’uun hojjetanii daa’imman isaanii guddifachuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuu kan barbaadan ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.