Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee akkaataa Afaan Oromoo fi Afaan Somaalee naannoolee lamaan keessatti barsiisuun danda’amurratti mari’achaa jiru

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee akkaataa Afaan Oromoo fi Afaan Somaalee naannoolee lamaan keessatti barsiisuun danda’amurratti mari’achaa jiru.
 
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo ummanni Oromoo fi ummanni Somaalee ummataa tokko ta’u ibsuun, tokkummaa ummata lameenii cimsuuf dhaloonni afaan Saba lameenii barachuun hegeree ummataa Oromoo fi Somaaleetiif Murteessaa ta’u ibsan.
 
Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannoo Somaalee obbo Mahammed Fattah Mahammed gama isaaniin tokkummaa ummata Oromoo fi Somaalee cimsuuf duudhaa Saboota lameenii walbarsiisuun barbaachisa jedhaniiru.
 
Hirmattoonni Marichaa yaada kennaniin Afaan Oromoo fi Afaan Somaalee naannoolee lameen aanoota filataman keessatti barsiisuuf yaanni Jalqabame walitti dhufeenya saba lameenii daran kan cimsu waan taheef cimee itti fufuu qaba jedhaniiru
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.