Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa naannoo Hararii sagantaa nyaata barattootaa eegalchiise

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Biiroon Barnootaa naannoo Hararii sagantaa nyaata barattootaa eegalchiisuu beeksise.

Sagantichi aanaalee 9 manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa  67 keessatti barattoota kuma 35 fi 350 fayyadamoo kan taasisu ta’uu ibsameera.

Sagantichi eegaluun harcaatii barattootaa sababa hanqina nyaataan uumamu hir’isuu fi barattoota gara mana barnootaatti harkisuuf kan gargaaru ta’uu hogganaan biiroo barnootaa naannichaa obbo Muktaar Saalii ibsaniiru.

Dabalataanis sagantichi lammiilee 600 ta’aniif carraa hojii kan uumu ta’uu eeraniiru.

Minyaahil Mallasaatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.