Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa raawwii hojii baatiwwan 6 gamaaggamaa jira

Finfinnee, Amajjii 21, 2014 (FBC)- Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa raawwii hojii baatiwwan 6 gamaaggamaa jira .

Gamaaggamichis  magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Hooggantuun Biirichaa Adde Addunyaa Ahimad, gamaggamichaan hanqinaalee turan adda baafachuun ciminaalee turan caalmaatti itti fufsiisuuf akka ta’e ibsaniiru.

Hanqina naamusaa fi kenna Tajaajilaa irratti

komee hawaasni kaasu qorachuun adda baasaafi bakka maluttis tarkanfii fudhachaa deemuufi akkasumas dhiibbaa dubartootaa fi daa’imman irra ga’u hambisuu keessatti biirichi xiyyeeffatee hojjechaa tureera jedhan.

Dantaa Ummataa fi mootummaa eegsisuu irratti adda ba’insaafi itti gaafatmummaa waliin hojiin qindaa’aa ta’e hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Amaanaa uummannifi Mootummaan caasaa keenyatti kenne amanamummaadhaan raawwachuun mirga osoo hin taane dirqama keenya kan jedhan Aadde Addunyaan caasaaleen sadarkaan jiran hojichatti xiyyeeffannoo kennuun adda durummaan haqa ummataaf hojjechuu qabu jedhan.

Qaamoleen biirichi qindoominaan waliin hojjetu kaneen akka mana amala sirreessaa keessatti qabiinsaa fi kunuunsa sirreeffamtootaa eeguu irratti hojiin gaariin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjii kanaan gabaasni Godinootaa dhihaachuun dhuma irratti dhuma irrattis kallattiin kennamuun gamaggamichi ni goolabama kan eegamuu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.