Biirichi Tajaajila dhaabbilee fayyaa keessatti kennamu hunda Teeknooloojiin deeggaruuf hojjechaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Muddee 23, 2017 (FMC) –Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila dhaabbilee fayyaa keessatti kennamu hunda teeknooloojiin deeggaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Biirichi kenniinsa tajaajila fayyaa Dijitaalaawaa dhaabbilee fayyaa keessatti hojiirra oolchaa jiraachuu Biirichatti Daayrektarri Sirna Odeeffannoo Fayyaa fi Teeknooloojii Obbo Tasfuu Nagaasaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Tajaajila fayyaa Si’ataa fi qulqullina qabu hawaasaaf dhiyeessuuf dhaabbiilee fayyaa hunda keessatti hojmaanni dijitaalaawaa hojirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojiin Diijitaalaayizeeshinii kun ragaa funaanuu, kuusuu fi xiinxaluuf kan fayyadu ta’uus ibsaniiru.
Yeroo ammaa Keellaawwan fayyaa kumni 4 ol yookaan %68 ta’an teeknooloojii fayyadamuun tajaajila fayyaa kennaa jiraachuu himanii, guutummaan guutuutti tajaajila waraqaa-maleessa dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhan.
Keellaawwan fayyaa kunneen ‘Sirna Odeeffannoo Fayyaa Haawasaa Elektironiksii’ fayyadamanii ragaa qabachuu fi tajaajila fayyaa kennaa jiraachuus dubbataniiru.
Akkasumas Naannichatti buufataalee fayyaa 6 fi hospitaaloota 6 keessattis tajaajilli fayyaa waraqaarraa bilisa kennamaa jira jedhan.
Hojiin tajaajiloota fayyaa dhaabbilee fayyaa keessaatti diijitaalaawa taasisuu yeroo tajaajilamtootaa qusachuu, walitti-dhufeenya dhukkubsataa fi ogeeyyii gidduu jiru fooyyeessuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Biirichi tajaajila fayyaa Dijitaalaawaa kana hojiirra oolchuu isaatiin baasii maxxansaaf baha ture hir’isuun danda’amuu Obbo Tasfuun dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia