Fana: At a Speed of Life!

Biirichi raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 12.8 taasise

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC)- Biiroon Dubartootaa, Daa’immaanii fi Dargooggata naannoo Oromiyaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 12.8 taasiseera.

Deeggarsicha hooggantuun biirichaa aadde Sa’aadaa Usmaan, Ministir deettaa ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa aadde Martaa Liwiijiif laataniiru.

Aadde Sa’aadaan naannichi raayyaa ittisa cinaa dhaabbachuun juuntaa barbadeessuun birmadummaa biyyaa balaarraa oolchuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Aadde Maartaa, dubartoonni deeggarsa taasisuurra darbee wayita olaantummaa seeraa kabajamuu shooraa olaanaa akka qaban yaadachiisuun deeggarsa taasifameef galateeffachuu ragan ministeera raayyaa ittisa biyyaarraa argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.