Fana: At a Speed of Life!

Biirichi Qonna Gannaa 2016/17 Wallagga Bahaatti eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Biiroon Qonnaa Oromiyaa Qonnaa Gannaa 2016/17 Godina Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti eegalchise.

Saganticharratti Hogganaan Biiroo Qonnaa Obbo Geetuu Gammachuu dabalatee qondaaltonni biirichaa fi godinichaa biroon argamaniiru.

Qonna Gannaa bara oomisha 2916/17tiin lafa hektaara miiliyoona 10 fi 800 ol misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoona 8 fi 519 ol qophaa’uu Obbo Geetuu Gammachuun himaniiru.

Lafa qophaa’ee keessaa hektaarri miiliyoona 2 fi 494 ol faca’uu Obbo Geetuun dubbataniiru.

Qonna Gannaa baranaan Boqqolloo lafa hektaara miiliyoona 1.7 misoomsuuf karoorfame keessaa lafti hektaarri miiliyoona 1.6 qophaa’uun hanga ammaatti lafa hektaara miliyoonni 1.4rra faca’uus eeran.

Daawwannaa Aanaa Gobbuu Sayyootti taasisaniin facaasaa Boqqolloo gaggeessuun, kilaastara Avokaadoo daawwataniiru.

Dabalataanis, biqiltuu sagantaa Ashaaraa Magariisaan misoomee fi Qophii boolla biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaarratti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Aanaa Gobbuu Sayyootti bara oomishaa 2016/17 lafa heektara Kuma 32 ol oomisha garaagaraan uwwisuuf hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Bara kana Godina Wallagga Bahaatti Qonna Gannaan lafa heektara kuma 800 olii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Bahaa Obboo Asfawu Hambisa himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.