Fana: At a Speed of Life!

Biirichi qabiyyee lafaarraa galii Birrii biiliyoona 5.7 argate

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma Lafa Magaalaa Finfinnee, bara baajatichaatti qabiyyee lafaarraa galii Birrii biiliyoona 5.7 argachuu beeksise.

Biirichi raawwii karoora bara 2015 guyyoota lamaf gamaaggama ture xumuruu ibseera.

Hogganaan Biiricha Dooktar Qanaa’a Yadaataan raawwicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma lafaa magaalichaa qophiifi dabarsaa lafaarratti hojii bu’aa qabeessa raawwachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan qabiyyee lafaarraa galii Birrii biiliyoona 5.7 argachuu Dooktar Qaana’aan eeraniiru.

Dabalataanis gurgurtaa caalbaasii irraa galiin Birriin biiliyoona 3.7 argamuu ibsaniiru.

Akkasumas magaalichatti kafamtoota Misoomaaf Beenyaa Birrii biiliyoona 5 kaffaluu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.