Fana: At a Speed of Life!

Biirichi proojektoota bishaan dhugaatii garaagaraa ijaaruuf dhaabbilee ijaarsaa waliin waliigale

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa proojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti ijaaruun hawaasaaf dhiyeessuuf dhaabbilee ijaarsaa addda durummaan hojicha keessatti qooda fudhatan waliin waliigaltee mallatteessera.
Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miiliyooni Baqqalaa proojektoonni akka waliigaltee hojii eegaluuf dhaabbilee ijaarsaaf dhiyaatan Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti Aanaalee 76,magaalota xixiqqoo 13fi magaalota giddugaleessaa 4 keessatti hawaasa lakkoofsaan gara kuma 200’tti siqu fayyadamaa taasisa jedhaniiru.
Proojektoonni kunnin xumuramuun tajaajila hawaasaaf banaa tahuuf turtii ji’oota 6 hanga waggaa 1 kan fudhatuu yoo tahu baasiin proojektichaaf ramadame Birrii biiliyoona 1.2’tti kan siqu tahu Injinar Miiliyooni himaniiru.
Waliigaltee ijaarsa proojektoota bishaanii dhugaatii qulqulluu Biirooo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaafi dhaabbilee ijaarsaa gidduutti mallatteeffamerratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Ambaasaaddaar Asfaaw Diingaamoo kontiraaktaroonni waliigalticha keessatti qooda fudhatan itti gaafatamummaan sirriin raawwachuu akka qaban dhaamaniiru jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.