Fana: At a Speed of Life!

Biirichi Konkolaachiftoota tajaajila geejjibaa ummataaf sirnaan hin laannerratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu hubachiise

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee sirreeffama gatii boba’aan walqabatee konkolaattootaa fi Konkolaachiftoota tajaajila geejjibaa ummataaf sirnaan hin laannerratti tarkaanfii barbaachisaa ta’e kan fudhatu ta’uu hubachiiseera.
Konkolaattonnii fi Konkolaachiftoonni ummataaf tajaajila geejjibaa laatan sirreeffama gatii boba’aan walqabatee tajaajila dhaabanii fi sirnaan tajaajila hin laanne gochichaarraa akka of qusatan biirichi akeekkachiiseera.
Biirichi sirreeffama gatii boba’aan walqabatee tajaajila geejjibaa Ummataa shaggar dabalatee kanneen tajaajila geejjibaa ummataaf laatan hundi iddoo bobbii isaaniif laatameefitti argamuun taarifa kaa’ame qofaan tajaajila laachuu akka qaban hubachiiseera.
Dhimmoonni qorannoon deebi’uu qaban yoo jiraate biirichi hojmaata isaa sakatta’uun adeemsa keessa deebii kan laatu ta’uu himeera.
Konkolaattoonni tajaajila Geejjiba Ummataa Shaggar waliin waliigateen deeggarsa laatan akkaataa biiricha waliin waliigalaniin tajaajila barbaachisu kan hin laanne yoo ta’u waliigaltee ala kan taasiisu ta’uu eereera.
Konkolaattoonni kunneen Saffisaan gara sarara ramadamanitti deebi’uun tajaajila irraa barbaaddamu laachuu akka qaban waamicha dhiyeeseera.
Kanneen ummata Taarifaa ol kaffalchiinsan, sarara isaaniif laatame adda kukkutan, Barjaa isaanii hin maxxanfanne, taarifa hin maxxanfannee fi iddoo eeyyamameefii ala bobba’an gochicharraa of qusachuu akka qaban Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.
Ummanni dhamaatii hin malleef akka hin saaxilamne biirichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hordoffii fi to’annoo cimaa ta’e kan taasiisu ta’uu ibseera.
Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.