Fana: At a Speed of Life!

Biirichi deeggarsa Birrii miiliyoona 85 olitti tilamaamamu walitti qabe Buusaa Gonofaaf dabarse

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC)- Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa deeggarsa meeshaalee barnootaa fi nyaata qaamolee garaagaraarraa walitti qabaa ture Birrii miiliyoona 85.5tti tilmaamamu Biiroo Buusaa Gonofaaf dabarseera.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, “Lammiif gadi jennee yoo hojjenne, lammii keenya ol qabuu dandeenya” mata duree jedhuun hojjettoonni caasaa biirichaa hundi deeggarsa walitti qabaa turuu ibsaniiru.

Deeggarsi walitti qabames meeshaalee barnootaa, gosoota nyaataa fi mallaqa calla fi kanneen biroo tilmaamaan Birrii miiliyoona 85.5 ol ta’u walitti qabamuun Biiroo Buusaa Gonofaaf dabarsuu ibsan.

Lammii barnootaf xiyyeeffannoo kennee gama hundaan ga’oome horachuuf xiyyeeffannoo qaama hundaa barbaadas jedhameera.

Barana Naannoo Oromiyaatti barattoota miiliyoona 7.5 fayyadamoo nyaataa manneen barnootaa taasisuuf hojiilee eegalaman tumsuuf biiroolee, dhaabbilee mootummaa fi Miti mootummaa akkasumas namoonni dhuunfaa deeggarsa taasisaa jiraachuun ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.