Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti damee qonnaatin dargaggoota kuma 400 fi 32’f carraa hojii uumame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) –Hojii misooma qonnaarratti dargaggoota kuma 400 fi 32’f carraan hojii uumamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu FBC’f himaniiru.
Guyyaa har’aas Inistitiyuutiin qorannoo qonnaa Ityoophiyaatti giddugalli leenjii fi qorannoo qonnaa fi makaanaayzeeshinii leenjifamtoota oppireetara maashinarii qonnaa eebbisiiseera.
Eebbifamtoonni godinaalee Oromiyaa 3 irraa walitti qabaman kunniin dhaabbilee barnoota olaanoorraa eebbifamuudhaan hojii eeggataa kan turan ta’uun beekameera.
Leenjii bu’uuraa fudhachuudhaan ga’oomuun cinatti tiraaktaroonnis kennamuu fi eebbifamtooni himaniiru.
Daayrektarri inistitiyuutii qorannoo qonnaa federaalaa Dooktar Fatoo Ismoo akka jedhanitti inistitiyuutichi hojii qonna ammayyeessuu fi wabii nyaataa mirkaneessuun cinatti carraa hojiillee uumuudhaaf hojii bal’aa hojjetaa jira jedhan.
Kanaanis guyyaa har’aa leenjifamtoota 30 eebbisiisuudhaan liqii mijatee fi dhaabbilee deeggarsaa miti mootummaarraa gargaarsa argameen tiraaktaroonni sadi akka kennamanii fi qabatamaadhaan hojiitti akka galan taasifameera jedhan
Biiroon Qonna Oromiyaas kaayyoo Dhaabbateef afur keessaa carraa hojii uumuu fi qonna ammayyeessuudhaaf leenjifamtoonni kunniin ga’oomuu fi hojiitti galuun milkaa’ina ta’uu obbo Abarraa Warquu FBCtti himaniiru.
Bara kana akka Naannoo Oromiyaatti carraan hojii misooma qonnaarratti dargagoota kuma 400 fi 32 uumameera.
Addis Tammiraatu gabaase
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.