Fana: At a Speed of Life!

Biirichi dameewwan barnootaa, fayyaa fi hawaasummaatin fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa raawwii hojji isaa baatiwwan 6 magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Qorannoon raawwii hojii kun qindoomina biiroo dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa fi liigii, waldaa fi Federeshinii dubartootaa Oromiyaan kan qophaa’eedha.

Qorannoo kanaanis, siyaasaa keessatti hirmaannaan dubartootaa fooyyee kan qabu yoota’u, kabajamuu mirga dubartootaa fi daa’immanii akkasumas diinagdeen bayyannachiisuuf hojjetamuu akka qabu dhiyaateera.

Gama barnootaa, fayyaa fi hawaasummaa fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuufis kan hojjetamu ta’uun himameera.

Hooggantuun Biiroo dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamilaa Simbirruu, kaayyoon qorannoo raawwii kanaa dubartoonni mirgaa fi dirqama isaanii beekuun nageenyaa fi guddina biyyaaaf hojjechuu akka dandaa’anii fi diinagdeen bayyannachiisuuf, ciminaa fi hanqina jiru adda baasuun hojjechuuufi jedhan.

Preezdaantiin Federeshinii dubartoota Oromiyaa Aadde Askaalee Lammaa, mirgaa fi faayidaa dubartoota Naannoo Oromiyaa kabachiisuuf tokkummaan hojjechuun dubartootaa murteessaa ta’uu himaniiru.

Hooggantuun liigii dubartootaa Oromiyaa aadde Maabiraat Baacaa, ammoo gama isaaniin, bara kana nageenyaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf dubartoonni hojii jajjabaa raawwataniiru jedhan.

Kanaaf rakkoowwan caasaa dhimma dubartootaa keessatti mul’atan furuuf caalmaan hojjechuutu barbaachisaa ta’uus eeran.

Qorannooon raawwii hojii baatiwwan 6 biiroo dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa magaalaa Adaamaatti taa’amaa jiru kun,guyyoota sadiif kan itti fufu ta’uus himaniruu jechuun OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.