Fana: At a Speed of Life!

Biirichi bulchiinsa lafaa teeknooloojiin deeggaramee hogganuuf hojjechaa jiraachu ibse

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC)- Biiroon Lafa Oromiyaa bulchiinsa lafaa naannichaa sirna kadaastaraan hogganuuf hojjechaa jiraachu beeksiseera.

Biirichi leenjii dandeettii raawwachiisumaa hoggaansaa fi oggeeyyii cimsuu Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Leenjicharratti itti gaafatamtoonni waajjiraalee lafaa Aanaalee, Godinaalee akkasumaas qooda fudhatonni biroon hirmaachaa jiru.

Waltajjicharratti Hoggaanaan Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Guutaa Laachooree haasawaa taasisaniin, biirichi bulchiinsa lafaa ammayyeessuu fi tajaajila teeknooloojin deeggarame kennuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.

Akkasumas seeraa alummaa bulchiinsaa fi qabeenya lafaarratti mul’atu hambisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira jedhaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.