Fana: At a Speed of Life!

Biirichi barnoota eegaluuf qophii xumuruu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Maloota ittisa weerara vaayrasii koroonaa of eeggannoon hojiirra oolchuun barnoota eegaluuf qophiin xumuramuu Biiroon Barnoota naannoo Oromiyaa beeksise.
Biirichi of eeggannoo barbaachisan xiyyeeffanoonn hojiirra oolchuun barattootaa dabreen simachuuf qophii xumuruu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif himeera.
Hubannoo barattoonni weerara vaayrasii koroonaarratti qaban cimsuuf miidiyaalee fayyadamuun hojjetamaa turuu itti aanaa hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Efireem Tasammaan ibsaniiru.
Tatamsa’ina weeraricha ilaalcha keessa galchuun barnoota bara 2013 eegaluuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu himaniiru.
Dareewwan dabalataa hirmaannaa ummataa fi baajata mootummaan ijaarramaa turan kumni 32 xumuramuun qophii ta’u obbo Efireem ibsaniiru.
Manneen qulqullinaa sadarkaa isaa eeggatan kumni 8 fi 194 ijaarramuun tajaajilaaf qophii ta’uus himaniiru.
Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa manneen barnootaa kuma 42 ol hojii dhaabsisuu fi barattoota miiliyoona 26 barnoota ala taasisuun isaa kan yaadatamuudha.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.