Biirichi baatiiwwan saglan darban qabeenya Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 100 fi miiliyoona 53 olitti tilmaamamu deebisisuu ibse
Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa baatiiwwan saglan darbanitti qabeenya Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 100 fi miiliyoona 53 olittti tilmaamamu deebisisuu beeksiseera.
Hogganaan Biirichaa Obbo Guyyoo Waariyoo raawwii hojii baatiiwwan saglan darbanirratti ibsa miidiyaaleef kenanniiru.
Ibsa isaaniin, qabeenya mootummaa, jarmiyaalee fi uummataa malaammaltummaaf saaxilaman adda baasuun akka deebi’u taasisuun murtiin itti kennamuu fi kan hafe adeemsa seeraa irra jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan qabeenyi seeraan alaa Birrii biiliyoona 1fi miiliyoonni 200 fi kumni 700 fi kumni 16 ol dhoorkamuun qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qorannoo yakkaa wajjiin wal qabatee galmee kuma 1fi 197 fi shakkamtoota kuma 2 fi 362 qoratamaa turan keessaa galmeen kumni 1fi 163 fi shakkamtoonni kumni 2 fi 213 irratti Abbaa Alangaan murtiin kan itti kenname ta’uu dubbataniiru.
Dandeettiin raawwachiisummaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa dabalaa dhufuu kaasaniiru.
Malaammaltummaa deddeebiin raawwataman irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Guyyoon himaniiru.
Yakkoota aangoo seeraan ala fayyadamuun raawwataman, matta’aa fudhachuu, sanadoota sobaa fayyadamuu fi qabeenya maddisaa hin beekkamne kanneen horatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf cichee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qabeenya bu’aa yakka malaammaltummaatiin adda bahanii dhaalaman Lafa magaalaa hektaara 42 mana jireenyaa 27,konkolaataa 5 fi maallaqaa callaa Miiliyoona 100 fi miiliyoona 31 fi kuma 200 fi kumni 90 ol dhaalamuu dubbataniiru.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamu keessatti hirmaannaan uummataa barbaachisaa waan ta’eef uummanni eeruu kennuun,ragaa kennuu fi saaxiluu akka qaban hubachiisuu ragaan BKO irra argame.