Fana: At a Speed of Life!

Biiniyaam Admaasuuf beekamtiin umrii guutuu kenname

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC)-Paarkii biyyaalessa Gaarreen Baaleetti lubbuun isaa kan wareegame Biiniyaam Admaasuuf beekamtiin umrii guutuu kennameera.

Paarkiin biyyoolessa gaarreen Baalee hambaa kiliya addunyaa ta’ee dhaabbiidhaan galmaa’uu isaa sababeeffachuun sagantaan beekamtii fi paarkicha beeksisuu Godina Baalee Magaalaa Roobeetti geggeffameera.

Sagantaa beekamtii fi paarkicha daran beeksisuuf kaayyeffate kanarratti qooda fudhattoonnii fi namoonni dhuunfaa beekamtii argataniiru.

Haaluma kanaan Biiniyaam Admaasuuf beekamtiin addaa kan kenname yoo ta’u, innis, balaa ibiddaa paarkicha mudateen bineensota paarkicha keessa jiraatan baraaruuf jecha Bitootessa 1, 2007 lubbuun isaa wareegameera.

Badhaasa umrii guutuu kan fudhatan abbaan Biniyaam, Obbo Admaasuu Qaccinee akka jedhanitti “Paarkiin ilmi koo lubbuu ofii qaalii kenneef beekamtii idil-addunyaa argachuu isaatti gammachuun koo dachaa dha.”

Ministirri Ministiraa Tuuriizimii Ambaasaddar Naasisee Caalii ergaa dabarsaniin, gootonni qabeenya uumamaa yeroo kamuu ni yaadatamu jedhan.

Hambaalee uumamaa fi nam-tolchee biyyaa kunuunsuun bu’aa biyyaaaf akka oolan taasisuuf hunduu tumsuu qaba jechuu TIO gabaaseera.

Paarkiin Biyyaalessa Gaarren Baalee argama laggeen akka Waabee Shabalee, Dumaal, Yaadot keessaa kan burqan yoo ta’u, bineensota akka Jeedala Diimtuu, Gadamsa Baddaa fi kanneen birootiin kan badhaadhee akka ta’e ni beekama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.