Biiffaan keemikaalaa ittisaa Shimbirroo Girrisaa gaggeeffamaa Jira-Biiricha
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015(FBC)- Shimbirroo Girrisaan mancaatii oomisha qonnaarraan geesisu hambisuuf biiffaan keemikaalaa gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Biirichatti Itti Gaafatamaan Damee Eegumsa Biqiltuu Obbo Dejenee Hirphaa akka jedhanitti, Shimbirroo Girrisaa to’achuuf Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti xiyyaaraan biiffaan keemikaalaa gaggeeffamaa jira.
Mancaatii Shimbirroo Girrisaan oomisha qonna naannawaa riiftivaaliitti geessisu to’achuuf biiffaan keemikaalaa qindoomina Ministeera Qonnaa Itoophiyaa fi Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin tumsa xiyyaara Dhaabbata To’annoo Ilbisootaa Biyyoota Afriikaa Bahaan gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Dejeneen ibsuuniiru.
Hojiin ittisaa Shimbirroo Girrisaa kun kan itti fufu ta’uu eeruun, keessumaa mancaatii misooma qamadii Bonaarra ga’u hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
Qonnaan bultoonnis, dhibbaa Shimbirroo Girrisaan oomisha isaaniirraaa ga’u to’achuuf tarkaanfiilee mootummaan jalqabeef galateeffachuun, kunis qamadii Bonaa caalaatti misoomsuuf kan isaan kakaase ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.