Fana: At a Speed of Life!

Biiffaa keemikaalaaf xiyyaaronni bitaman tajaajilaa dabalataaf akka oolan waliigalame

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)-Miinisteera Qonnaan xiyyaaronni biiffaa keemikaalaaf bitaman 5 tajaajila dabalataa akka kennaniif Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa fi ‘National Airways’ waliigaltee mallatteessan.

Xiyyaaroonni kunneen dandeettii olaanaa qabaachuurraan galii dabalataa akka argamsiisaniif biyya keessaa fi alatti hojjechuu haalaa danda’an mijeessuun, bulchiinsa xiyyaarotaaf waggaa waggaan dhiibaa baasii mootummaan hir’isuun itti fufiinsaa pirojektichaaf gahee olaanaa akka qabaatu eerameera.

Hoji Gaggeessan National Airways Obbo Gazzaanyi Birruu sirna waliigaltichaarratti xiyyaaronni kunneen dabalataan biyya keessaa fi alatti hojjechuun galii ofii akka maddisiisan gochuun barbaachisaadha jedhan.

Barbaacha albuudaa, hojiilee sarvaayilaansiif tajaajila kiraa akka kennuu beeksisuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.