Bidiruuwwan ammayyaa 2 buufata Jibuutiirraa fe’amuun gara biyya keessatti geejjibsiifamaa jiru
Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Bidiruuwwan ammayyaa 2 Tajaajila Geejjiba Galaanarraafi Liijistiksiin bitaman buufata Jibuutiirraa gara biyya keessatti geejjibsiifamaa jiraachuun ibsame.
Bidiruun ‘Xaanaa Nash-2’ jedhamtu tajaajila geejjibaa uummataaf kan ooltu ta’uun ibsameera.
Bidiruun kun dheerina meetira 38 kan qabduufi namoota 188 fe’uu akka dandeessu eerame.
Bidiruun biraa ammoo bidiruu guddina giddugaleessa qabduufi bashannanaaf ooltu ta’uu ragaan Tajaajila Geejjiba Galaanarraafi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.
Bidiruuwwan kunneen ‘Itiyoo Feeriis Xaanaa’f tajaajila geejjibaa bishaanirraa biyya keessaaf bitamuun eerameera.
#Oromia #Ethiopia