Fana: At a Speed of Life!

Beeyladootaa fi meeshaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 27’tti tilmaamamu to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Seeraan alaa biyyaa baafamuuf kan turaan beeyladoota Birrii miiliyoona 20 fi meeshaalee kontirobaandii Birrii miiliyoona 7’tti tilmaamaman to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Waajjirri Damee Gumurukaa Jigjigaa daangaarratti beeyladoota 427 fi jimaa, muuzii, boba’aa fi midhaan callaa to’achuun ibsameera.

Meeshaalee kontirobaandi kanneenis tattaaffii fi hordoffii hoggantoota, hojjettootaa komishinichaa fi poolisiin federaalaa taasisaniin ta’uu ragaan koomishinichaarra argame ni mul’isa.

Gochi daldala kontirobaandii jijijjiiramaa ta’uun dhiibbaa diinagdee biyyaarratti uumu ittisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatuu fi hawaasni gahee gama isaanii akka bahatan waamichi dhiyaateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.