Fana: At a Speed of Life!

Beenishaangul Gumuzitti sagantaan jalqabsiisa tola ooltummaan Gannaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti sagantaan jalqabsiisa tola ooltummaan Gannaa gaggeeffamaa jira.

Tola ooltummaan baatiiwwan Ganna baranaa mata duree “Gaarummaa fi Waloomaa olka’iinsa Itiyoophiyaaf” mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Naannichatti sagantichaan dameewwan qonnaa, misooma magaalaa, nageenyaa fi hawaasummaarratti akka hojjetamu ibsameera.

Tajaajilichi caasaalee hundaatti, gurmaa’inaalee dargaggootaa fi dubartootaa akkasumas gurmaa’inaalee kutaalee hawaasaa garaagaraan tajaajilicha gaggeessuun maddiitti walooma cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Saganticharratti qondaaltota olaanoo naannichaa dabalatee qaamolee dhimmichi ilaallatu hirmaachuu ragan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.