Fana: At a Speed of Life!

Beellama Tapha Waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa  Liveerpuulii fi Riyaal Maadirid Si’oominaan eegamu

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Waancaan guddichi Ardii Awurooppaa galgala har’aa Laankishaayerootaafi Loozbilaankota haaloof miira waraana kubbaa miilaan walitti fida.

Wal-falmii jabaafi hamaaf kan eegaman kilaboonni gurguddoo Addunyaa kubbaa miilaa Liveerpuuliifi Riyaal Maadrid waggaa 4 keessatti yeroo 2ffaaf waancaa chaampiyoonsi liigii Awurooppaaf beellama haaloo qabu walitti qabataniiru.

Bara 2018’tti wal-falmii xumura waancaa Chaampiyoonsii liigii Awurooppaaf kan wal-argan Liveerpuuliifi Riyaal Maadrid iccitii Sarjiyoo Raamosiin Mohaammad Saalaarratti dalagameen Waancaan Chaampiyoonsii liigii Awurooppaa Laankishaayerootarra Loozbilaankoota filateera.

Hidhattoonni Jargeen Kiloop warri Liveerpuul haaloo bara sanaa deebisuuf yoo deeman, kan warra Karloohan AnCheelootii Riyaal Maadrid qofaatti rikeerdii waancaa Chaampiyoonsi liigii Awurooppaa biyyaa baasuun Liveerpooliin dacha lamaan caaluuf gara dirree seenu.Beellama har’a galgalaan dhimma Chaampiyoonsi liigii Awurooppaan RiyaalMaadirid yeroo 14ffaa, Liveerpuul yeroo 7ffaaf qophii xumuruun Faransaay Paaris galaniiru.

Kariim Beenzemaan Riyaal Maadridiif agartuu ijaa ittin Waancaa Chaampiyoonsi liigii Awurooppaa ilaalan yoo tahu Mohaammad Saalaan Liveerpuuliif xumura dubbii waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara wal-dorgommii 2021/22’tti.

Biraazilootaarraa kan ijaarame Riyaal Maadrid Viniciuos Junior,Roodrigoo,Kaazmeeroofi Maarseelloo kan milkaa’ina Loozbilaankootaa tahuun umurii dheeraa lakkoofsisee qabatee Paarisiin galeera.

Afrikaa xiqqoo kan tahe Liveerpool gama biroon Mohaammad Saalaa,Saadiyoo Maanee, Nabil Keettaafi Jeo Maatipp qabatee miira Of-eegannoon guutameen dirree kubbaa miilaarra foolachuuf deema.

Istaadiyeemiin guddichi Faransaay/Stade De France/ iddoo beellama Loozbilaankootaafi Laankishaayerootaa yoo tahu galgala har’aa sa’atii 4 irraa eegalee waraana kubbaa miilaa walirratti banuuf hidhannoo guuttataniiru.

Iddoosaa Abdiitiin

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.