Fana: At a Speed of Life!

Beellama Arseenaalii fi Tootinaam 205ffaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC)- Taphni Pirimeerliigii Ingilaandi torbee 9ffaan tapha darbii Arseenaalii fi Tootinaamiin eegala.

Kilaboonni Kaaba London lameen kunneen gahumsa bara kana liigicha keessatti agarsiisaa jiran cinaatti miira masaanumaan har’a yeroo 205ffaaf walargu.

Arseenaalii fi Tootinaam taphoota 204 waliin taasisaniin Arseenaal yeroo 84, Tootinaam yeroo 67 miira darbiin wal morkachuun, yeroo 54 bifa jaarsummaa fakkaatuun kabajaan qixa bahaniiru.

Olaantummaan tapha darbii kilaboota Kaaba London hanga guyyaa har’atti harka kilaba Arseenaal kan jiru yoo tahu dhiyeenya kana miirri masaanummaa Tootinaam ija baasaa dhufeera.

Tapha guyyaa har’aa Arseenaal kan injifatu taanaan dursummaa gabatee liigichaa itti fufsiisuuf carraan harka isaa keessa jira.
Gama biraan Tootinaam tapha kanaan yoo milkaa’e dursummaa gabatee liigichaa kilaba masaanuu isaa Arseenaalirraa fudhata.

Tapha darbii kilaboota Kaaba London miira cimaan eegamu cinaatti diraamaan leenjistoota kilaboota lameenii Arteettaafi Kontees miidhagina taphichaaf qabxii dabalataati.

Gama Arseenaaliin Toomaas Paartey miidhama qaamaarraa baayyannachuun deeggartoota kilabichaaf oduu gammachiisaadha.

Kilabni Tootinaamis karra eegaa kilabicha Hugooloriis irraan kan hafe taphattootni gahumsa gaariirratti argamu jedheera.

Taphni Arseenaalii fi Tootinaam har’a sa’atii 8:30tti Istaadiyeemii Arseenaal Filaay Emiraattis eegala.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.