Fana: At a Speed of Life!

Barri nama, bara keessatti ifee kan muul’atu nu’i – Aadde Adaanich Abeebee

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ergaa baga bara haaraa geessanii dabarsaniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa, akkasumas jiraattoonni magaalaa Finfinnee baga bara haaraa 2014 nagaan geessan jedhaniiru.
Barri haaraan kun abdii kan itti horannu, gammachuu kan itti argannu ta’uu isaan baga baraa baratti ceetan jedhaniiru.
Barri nama, Barri anaa fi isini, Bara keessatti ifee muul’achuu kan qabu nu’iidha jedhan.
Hojmaata eerramu, seenaa himamu, hojii fakkeenyummaa qabu, baricha keessatti akka hojjennu barri nuuf laateera jechuun ibsaniiru.
Bara ce’uun keenya hiikoo akka qabaatu taasiisuun ga’ee keenya jechuun dubbataniiru.
Baraa baratti ce’uu lakkaa’uu qofa osoo hin taane barri 2013 darbee barri haaraan 2014 bakka wayita bu’u jireenya keenya keessatti afuura haaraan, Ityoophiyummaan,tajaajiltummaan, gaarummaan, gootummaan ida’amuun missiraachoon injifannoo akka jiraatu yaaduu qabna jedhan ergaa dabarsaniiru.
Barri 2014 magaalaa hundaa keenyaa kan Finfinnee caalmaatti miidhagdee akka muul’attuuf carraa arganneerra.
Ityoophiyaa haaraan calaqqee injifannoo taa’uushee mirkaneessuuf barri nuuf dabalameera.
Bulchiinsi magaalichaa Finfinnee fi jiraattoota isheea badhaadhinaatti ceesisuuf tumsaa caalmaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Kanaaf ammoo riqichi yaadoota bara eegallee Ityoophiyayummaan, tajaajiltummaan, gaarummaan, gootummaa fi waadaa injifannoo ibsuun galaawwan ittin bara haaraa simannuudha.
Barri amma keessatti argamni haqnii fi yakki, dharrii fi sobni, diinni fi jaalattoonni biyya bara adda itti wal qabaniidha.
Finfinneen ibsitu injifannii Ityoophiyaati.
Jiraattoonni magaalattii fayyaadamtoota diinagdee akka ta’an, tajaajila argataniin akka gammadan, Proojektoota eegalaman galmaan ga’uu akka dandeenyuuf waloon dhaabbachuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.
Kanaaf ammoo Ityoophiyummaan yaa dagaagu, Tajaajiltummaan yaa uwwisnu, gaarummaan nurraa hin fagaatiin, Gootni yaa jiraatu, missiraachoo injifannoo dhaga’aa, dhageessisaa itti fufuu qabna jedhan.
Barri 2014 bara Badhaadhina ummata keenyati, kanas ni amanna, ni milkeessina, kafaaf ammoo murannoon qabna, hin hafu ni moo’anna, duungoo injifannoo ibsuun, ifa injifannoo keessa ni deddeebina jechuun hawwii qaban ibsaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.