Fana: At a Speed of Life!

Barri haaraan nagaan akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa haalduree xumuranii hojiiti galuun ibsame

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) – Barri haaraan nagaan akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa haalduree xumuranii hojiiti galuun ibsameera.

Komishiinin Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee barri haaraan nagaan akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa haalduree xumuranii hojiiti galuu beeksiseera.

Hojii nageenyaaf jecha richiitii dhukaasuun goonkumaa hindanda’amuus jedhameera.

Barri haaraan 2013 nagaan akka kabajamuuf karoorri nageenya kabachiisuu bahuun Rayyaa Ittisa Biyyaa, Tajaajilli Odeeffannoo Nageenyaa Biyyoolessaa, Koomishiini Poolisii Federaalaafi Koomishiini Poolisii Naannolee akkasumas qaamolee adda addaarraa koreen labsii yeroo ariifachiisaa walitti dhufuun gara hojiitti galamuu koomishinichi beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.