Fana: At a Speed of Life!

Barri haaraan bu’aalee haaraa galmeesisuuf bara itti carraaqnudha- Obbo Indaashaw Xasew

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaw Xasew bara haaraa 2017 sababeeffachuun ergaa baga ittin isin gahe dabarsaniiru.

Obbo Indaashaw ergaa isaaniin, barri haaraan bu’aalee haaraa galmeesisuuf bara itti carraaqnudha jedhan.

Bara 2017 dandeettiifi qabeenyaa qabnu walsimsisuun bu’aalee haaraa dhugoomsuuf waloon carraquuf hundi gahe isaa akka bahatu gaafataniiru.

Barri haaraan kan jaalalaa , tokkummaa, milkaa’inaa fi gammachuu akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Bara haaraati wayita ceenuu abdii haaraa, karoora haaraa bu’aa haaraa argachuuf ciminaa keenyaa olkaasuun ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.