Fana: At a Speed of Life!

Barri Faranjootaa 2023 hariiroon Itiyoo-Chayinaa kan daran cimeedha jedhame

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC)- Barri Faranjootaa darbe hariiroo tarsiimawaa damee hedduu Itiyoo-Chaayinaa kan cimee itti fufe akka ture ibsameera.

Hariiroo dippiloomaasummaa biyyattii damee ijaarsaa dandeettii, ce’umsaa beekumsaa akkasumaas walitti hidhamiinsaa hawaas-diinagdee bu’aa akka galmeessuu akka danda’e Zhinwaan gabaaseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy bara Faranjootaa Onkololeessa 2023 daawwannaa Chaayinaatti taasisan hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa caaluutti kan ceesise, haala jijijjiiramaa idil addunyaa keessatti biyyatti gara tumsa tarsiimaawaa itti fufuu danda’utti kan ce’e ta’uun ibsameera.

Itiyoophiyaatti Qorataa Olaanaa Dippilomaasii Inistitiyuutii Dhimmoota Tarsiimawaa Hariiroo Idil Addunyaa Obbo Malaakuu Mulu’aalam, barrii Faranjootaa 2023 hariiroo Itiyoo Chaayinaa gara boqonnaa seena qabeessaatti akka ce’e kaasaniiru.

Chaayinaan waamichaa “Belt And Road, Nageenyaa Idil Addunyaa Akkasumas Inisheetiivii Misoomaa Idil Addunyaa“ taasiste hojiirra oolchuuf kutannoo jiru kan calaqqisiiseedha jedhan.

Pirofeessarri Imaammataa Ummataa Yuuvarsitii Finfinnee Qosxeenxinoos Biruhaatasfaa, hariiroon Itiyoo Chaayinaa kan gochaarratti bu’uureffateedha jedhameera.

Barichi Chaayinaan guddinni Itiyoophiyaa akka dhugoomuuf gahee gama ishee kan bahatte akka ture kaasanii, biyyattiin hariiroo gama hundaa Itiyoophiyaan miseensa garee BRICS akka taatu gumaachaa fi tumsa qabaachuu eeraniiru.

Pirofeesaraa Gargaara Ballaxaa Damisee gama isaaniin, Itiyoophiyaan Chaayinaa dabalatee biyyoota miseensa garee BRICS waliin hojjechuun invastimantii alaa hawachuun guddina diinagdee ishee saffisiisuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Pirofeesarri Gargaaraa Yuunivarsiitii Siviil Sarviisii Mukariim Miiftaa, Itiyoophiyaan BRICS’tti akka makamtu fudhatamaa argachuun biyyootaa miseensa garichaa waliin walta’iinsa fi hariiroo dinagdee, siyaasaa fi dhaabbatummaa akka qabaattu kan taasiseedha jedhan.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Kooraa Xushunee, dhaabbatichi michummaa Itiyoo-Chaayinaa gara sadarkaa haaraa fi afaanii fi aadaa biyyootaa gama beeksisuun gumaacha gaarii akka taasisee ture beeksisaniiru.

Hammattoon walta’iinsa Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii, saatilaayitii Itiyoophiyaan walta’iinsa Chaayinaan furguggifte, saayinsii fi teknooloojii , hojiirra oolmaa Rimoot Seensiingii, bu’uuraalee misoomaa, damee leenjii ogummaa fi teekinikaa fi dhimmoota hedduurratti walta’iinsa Itiyoophiyaa Chaayinaa qabaachaa akka turte kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.