Fana: At a Speed of Life!

Barri 2017 kan nu jijjiiru osoo hin taane,bara jijjiirru haa ta’u – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara haaraa 2017 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Barri carraadha. Baratti fayyadamuun garuu bu’aa hojiiti.

Uumaan bara hunda keenyafuu qixa kenneera jedhan.

Garaagarummaan kan uumame baratti fayyadamuun hojjechuu fi hojechuu dhabuudha.

Seenaa keessatti boqonnaawwan itti boonnu jiru.

Jireenya keenya keessatti yeroon nu gammachiisanis jiru.

Boqonnaan kunneen wanta biroo miti.

Bara carraan nuuf kenname sirnaan itti fayyadamuudha.
Nuti barbaannus barbaaduu baannus barri ni jijjiirama.Yeroo maashina fuuldurratti qofa imaluudha.

Qaamni kamiiyyuu dhaabsisuu fi kallattii jijjiiruu hin danda’u.kan danda’amu yerootti fayyadamuu qofa.

Eebbifii dheekkamsi Roobaan kan dhufu osoo hin taane qophii fi hojii qonnaan bulaatiini.

Qonnaan bulaa hojii hin jaalannerratti baratu jijjiirama, qonnaan bulaa cimaan ammoo baraan of jijjiira.

Bara 2016 keessa Itiyoophiyaaf maal milkeessine? Bara 2017 keessa maal hojjechuuf qophoofnerra? Deebiin Gaaffileenkanneenii hiikoo jijjiirraa bara ni jijjiiru.

Itiyoophiyaan barri ishee jijjiiraa yeroo dheeraaf jiraatteerti.
Yeroo tokko tokko ammoo cimtee hojjechuun ifaajjiin bara jijjiirtee ni beekti.

Barri yoo nu jijjiire akka nuti feenutti osoo hin taane,akka dhagaa gaarrarraa konkolaatee gara ofii barbaadetti nu fudhata.

Karoora keenya raawwannee, piroojektoota eegalle yeroo fi qulqullinaan xummurree, waldhabdee mariin furree, cabiinsa keenya marii fi Haqa Ce’umsaan suphnee, wantoota hedduun of dandeenyee, Riifoomii ga’umsaan milkeessinee bara jijjiirru akka ta’u abdii kiyya jedhan.

Bara 2017 bara Itiyoophiyaatti seenaan caqafamu taasiisuuf haa qophnoofnu.

Idaawwan baroota kan itti ofirraa buufnu, madaa kan itti yaallu, abjuu barootaa dhugoomsuu, bara seenaa itti jijjiiruu taasiisuuf haa kaanu.

Dhaloonni dhufu seenaan kun kan hojjetame bara 2017 akka jedhan haa taasiifnu.

Baga bara 2017 nagaan geessan jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.