Fana: At a Speed of Life!

Barreessaan oolaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii duraanii umrii waggaa 100tti boqatan

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Barreessaan oolaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii duraanii umrii isaanii waggaa 100tti boqatan.

Barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii 5ffaa kan turan, lammiin Peeruu Jaaveer Peereez umrii isaanii waggaa 100ffaatti du’aan addunyaa kanarraa boqataniiru.

Jaaveer Peereez kan boqatan mana jireenyaa isaanii Liimaatti argamutti.

Jaaveer Peereez qophummaadhan Laatiin Ameerikaa bakka bu’uudhan nama tajaajilan turani.

Bara Faranjootaa 1982 hanga 1991 si’a lamaaf barreessaa olaanaa ta’uun kan tajaajilan Jaaveer Peereez, lola Iiraanii fi Iiraaq dhaabsisuudhan shoora olaanaa taphachuun isaanii ni himama.

Dabalataan Waraanni Diilallaa’aan akka dhaabbatuu fi hariiroon biyyoota addunyaa akka cimu hojjetaniiru.

Yaata’uutii waraana Peeniinsuweellaa Arabaa bara 1990 dhaabsisuuf hin milkoofne turan.

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, Peereez lammiileen Ameerikaa Liibaanoositti ugguraman akka gadhiifaman, Kaamboodiyaa fi Elsaalvaadoor waliigalteerra akka ga’an taasisuu isaanii yaadataniiru.

Dabalataan diippiloomaasiin idil addunyaa akka cimuu fi addunyaa jijjiiruurratti gumaacha olaanaa taphataniiru jedhan.

Maddi:-Rooyitars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.