Fana: At a Speed of Life!

Barreessaan Hariiroo Alaa Paartii ‘The Zimbabwe African National Union – Patriotic Front’ Zumbaabee Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC) – Barreessaan Hariiroo Alaa Paarii ‘The Zimbabwe African National Union – Patriotic Front’ (ZANU–PF) Zumbaabee Siimbaaraashee Mubeengeegiwiin Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Siimbaaraashee Mubeengeegiwiin wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaan simatamaniiru.

Yaa’ii kana irratti paartiileen obboleeyyanii biyyoota ollaa fi paartileen obboleyyanii biyyoota miseensa BRICS dabalatee biyyoota 15 irraa hoggantoonni olaanoo 43 ni hirmaatu jedhamee eegama.

Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa inni lammaffaan Amajjii 23-25, 2017’tti Finfinneetti mata duree “Waadaarraa hanga Aadeffannaatti” jedhuun ni gaggeeffama.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.