Barreessaa Olaanaan Paartii Sochii Bilisummaa Ummatootaa Sudaan Kibbaa Finfinnee galan
Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC)- Barreessaa Olaanaan Paartii Sochii Bilisummaa Ummatoota Sudaan Kibbaa Piiter Laam Booz Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Piiter Laam Booz wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi Daayrektara Ittaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Dooktar Abdii Zannabaan simataniiru.
#Oromia #Ethiopia