Fana: At a Speed of Life!

Barreessaa Olaanaan Paartii ‘Chama Cha Mapinduzi’ Taanzaaniyaa Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC) – Barreessaa Olaanaan Paartii Chama Cha Mapinduzi (CCM) Taanzaaniyaa Dooktar Imaanu’eel Neecheenbeen Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Dooktar Imaanu’eel Neecheenbeen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee fi hoggantoota biroon simatamaniiru.

Yaa’ii kana irratti paartiileen obboleeyyanii biyyoota ollaa fi paartileen obboleyyanii biyyoota miseensa BRICS dabalatee biyyoota 15 irraa hoggantoonni olaanoo 43 ni hirmaatu jedhamee eegama.

Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa inni lammaffaan Amajjii 23-25, 2017’tti Finfinneetti mata duree “Waadaarraa hanga Aadeffannaatti” jedhuun ni gaggeeffama.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.