Fana: At a Speed of Life!

Barreesaa Olaanaan Paartii ‘Patriotic Front ‘Ruwaandaa Welars Gaasamaageeraan Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FMC)- Barreessaa Olaanaan Paartii ‘Patriotic Front’ Ruwaandaa Welars Gaasamaageeraan Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Barreessaa Olaanaan Welars, wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Gorsituun Dhimmoota Tuuriziimii Ministira Muummee Ambaasaaddar Naasisee Caalii fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Simannaa taasisanifiru.

Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaarratti hoggantoonni olaanoo Paartiilee Michuu biyyoota Ollaa 15 irraa fi Miseensoonni Paartiilee Michuu Biyyoota Miseensa BRICS irraa dhufan 43 ni hirmaatu jedhameera.

Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii 2ffaa Amajjii 23-25 ,2017 Mata Duree “Waadaarraa hanga Aadeffanaatti “ jedhuun Magaalaa Finfinneetti ni gaggeessa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.