Fana: At a Speed of Life!

Barnoota Nageenyaa Yuunvarsiitiwwan keessatti eegalchiisuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Barnoota Nageenyaa Yuunvarsiitiwwan keessatti eegalchiisuuf waliigalteen mallattaa’eera.
 
Waliigalteen Barnoota Nageenyaa Yuunvarsiitiwwan keessatti eegalchiisuuf Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Giddula Barnoota, Saayinsii fi Aadaa waliin Akkaadaamii Saayinsii Ityoophiyaatti mallattaa’eera.
 
Barnoonni nageenyaa walitti bu’iinsa hawaasaa hiikuuf faayidaa olaanaa qabaachuu Ministirri Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee barnootaa olaanaa Dooktar Muluu Naggaa wayita waliigalticha mallatteessan ibsaniiru.
 
Kaayyoon barnootichaa nageenya mirkanneessuu, Walitti bu’iinsa Ittisuu fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu ta’uu himaniiru.
 
Marsaa duraan Yuunvarsiitiwwan 6 keessatti laachuuf yaadamuu Dooktar Muluu kaasaniiru.
 
Bu’aan argamu ilaallamee Yuunvarsiitiwwan biro keessatti kan itti fufu ta’a jedhan.
 
Sirna waliigaltee mallatteessuu kanarratti Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoo, Dooktar Muluu Naggaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayreektarri Giddugala Saayinsii, Barnootaa fi Aadaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan, Preezdaantiin Giddugala Akkaadaamii Saayinsii Ityoophiyaa Proofeesar Tsigge Gabramaariyaam fi Preezdaantoonni Yuunvarsiitiwaan Asoosaa, Samaraa, Goondarii fi Waachaamoo argamuu ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoorraa argame ni muul’isa.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.