Fana: At a Speed of Life!

Barnoonni mirga namoomaa barnoota idilee keessa akka galu hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2014 (FBC) – Barnoonni mirga namoomaa sirna barnootaa idilee keessa akka galu hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiise.

Komishinichi dorgommii barattoota biyyalessaa 2ffaa sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeesseera.
Dorgommii kanarratti barattoonni 130 manneen barnootaa 63 keessaa walitti babba’an hirmaachuu himameera.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaan, sarbama mirga namoomaa yeroo gara yerootti hammachaa dhufe hir’isuuf kutaa gadii eegalee hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Komishinichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoonni mirga namoomaa akka gosa barnootaa tokkootti sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaatti akka laatamuu qophiin taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Dorgommichi dargaggoonni mirga namoomarratti hubannoo ga’aa akka horatanii fi muul’ata garii akka qabaataniif ta’uu komishinarich dubbataniiru.

Maddi :-TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.