Fana: At a Speed of Life!

Barmaatilee miidhaa geessisan dhabamsiisuun miidhaa hawaasarra gahu hir’isuun barbachisaadha- Ministeera Aadaa fi Ispoortii

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)- Barmaatilee miidhaa geessisan dhabamsiisuun miidhaa hawaasarra gahu hir’isuun barbachisaa ta’uu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii ibse.

Sosochiin barmaatilee miidhaa geessisan ittisuufi aadaa qusannoofi hojii cimsuun  miidhaa hawaasaa hir’isuu irratti xiyyeeffate magaalaa Harariitti gaggeeffameera.

Sosochichi Ministeera Aadaa fi Ispoortiin qophaa’uu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii addee Warqinash Birruun  ,barmaatilee miidhaa geessisan dhabamsiisuun miidhaa hawaasaarra gahuu hambisuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii naannoo Harariirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.