Fana: At a Speed of Life!

Bareessaa olaanaan DHMG mootummaan naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu dabarsuu isaa dinqisiifatan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Bareessaa olaanaan DHaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif dhiyeessii deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf jecha murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu dabarsuu isaa dinqisiifatan.

Antooniyoo Guutareez ibsa gama dubbii himaasaaniin baasaniin mootummaan lammiilee deeggarsi barbaachisuuf dhiyeessii deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf walitti bu’iinsa dhaabuu isaa kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

Walitti bu’iinsi naannolee Oromiyaa, Afaar, Amaaraa, Tigraayii fi Beenishaangul Gumuzitti lammiilee hedduu rakkoof saaxiluu ibsuun murtoo gaarii mootummaan dabarse qaamoleen hundi gara hojiitti akka hiikan yaadachiisaniiru.

Lammiilee deeggarsa namoomaa ariifachiisaa barbaadaniif lammiin hundi deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.