Fana: At a Speed of Life!

Barbarree fi Shiroon kuntaalli 30 wantoota farra fayyaa namaa ta’an waliin makamee guguramuuf ture to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 14,2014 (FBC)- Torban tokko keessatti Barbarree fi Shiroon kuntaalli 30 wantoota farra fayyaa namaa ta’an waliin makamuun gurgurtaaf dhiyaachuuf ture to’atamuu ibsameera.

Naannoo Kibbaa godina Walaayittaa magaalaa Arakkaatti Barbaree fi Shiroon wantoota farra fayyaa namaa ta’an waliin makamuun argame kuntaalli 30 to’atamuu himameera.

Barbarree kuntaala 17 fi Shiroo kuntaala 13tti wantoota farra fayyaa namaa makuun namoonni shakkaman 6 to’annaa jala ooluun himameera.

Namootni kunneen barbarree fi shiroo sagaaturaa, biyyee fi wantoota farra fayyaa namaa biroon waliin makuun daaksisaa osoo jiranuu to’atamuu Biiroon Misooma Gabaa fi Daldalaa naannichaa ibsuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.