Fana: At a Speed of Life!

Barattoota dhaabbilee barnootaa dhuunfaarraa qormaata ba’umsaa fudhatan keessaa % 13 qofti darbuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC) – Barattoota dhaabbilee barnootaa olaanaa dhuunfaarraa qormaata ba’umsaa bara 2016 fudhatan keessaa % 87 qormaaticha kufuu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksise.

Barattoota dhaabbilee dhuunfaarraa bara barnootaa 2016 keessaa qormaata ba’umsaa fudhatan keessaa % 13 qofti qorumsicha darbuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan eeraniiru.

Dhaabbileen barnootaa olaanaa dhuunfaa 22 barataa tokkoyyuu hin dabarsine jedhame.

Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan mootummaa qormaaticha fudhatan ammoo % 58 darbuu isaanii himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.